Posts

Showing posts from March, 2022

Guyyaan barattoonni dhaabbilee fi gosa barnootaa itti filatan dheereffameraa

Guyyaan barattoonni dhaabbilee fi gosa barnootaa itti filatan dheereffamuu Ministeerri Barnootaa beeksise. Barattoonni qabxii Yunvarsitiiwwan mootummaatti ramadamuuf isaan dandeessisu galmeessan guyyaan yunvarsiitiifi muummee barnootaa itti filatan dheerachuu ministeerichi beeksiseera. Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2013 fudhatan ramaddii yunvarsitiiwwan mootummaatti argachuuf qabxii isaan dandeessisu galmeessisan kana dura filannoo dhaabbileefi muummee barnootaa gaggeessuun kan yaadatamuudha. Ministeerri Barnootaa yeroo dhiyootti ramaddii barattootaa kan gaggeessu ta’uu hubachuun, ragaalee armaan gadiin akka iyyatan gaafateera. Humna simannaa yunvarsiitiwwanii, qabxii giddugaleessaa barattootaafi kanneen biroo yaada keessa galchuun filannoo unvarsiitiwwanii hanga Bitootessa 19 bara 2014tti  karaa http://Portal.neaea.gov.et seenuun akka sirreessan. Ramaddii booda komiifi gaaffiin keessummeessu kamuu kan hinjiraanne ta’uu ministeerichi beeksiseera.  t.me/oromia