Posts

Showing posts from 2022
Dilbata 05/10/2014 waaree booda Godina Arsii Aanaa Zuway Dugdaa Ganda Caffee jilaatti mana barnootaa Bu'uura Boruu hoggantoonni BBO daaw'ataniiru. Gandi caffee Jilaa Magaalaa Adaamii Tulluu irraa gara bahaatti km 18 kan fagaattudha. Manni Barnootaa Bu'uura Boruu kan bu'aa bahii hedduu ce'ee gammoojii qaxxaamuree hawaasaafi ijaare Korporeeshinii Konstraaknshii Oromiyaa(Oromia Construction Corporation) ta'usaa hoggantootni nutti himaniiru.

Guyyaan barattoonni dhaabbilee fi gosa barnootaa itti filatan dheereffameraa

Guyyaan barattoonni dhaabbilee fi gosa barnootaa itti filatan dheereffamuu Ministeerri Barnootaa beeksise. Barattoonni qabxii Yunvarsitiiwwan mootummaatti ramadamuuf isaan dandeessisu galmeessan guyyaan yunvarsiitiifi muummee barnootaa itti filatan dheerachuu ministeerichi beeksiseera. Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2013 fudhatan ramaddii yunvarsitiiwwan mootummaatti argachuuf qabxii isaan dandeessisu galmeessisan kana dura filannoo dhaabbileefi muummee barnootaa gaggeessuun kan yaadatamuudha. Ministeerri Barnootaa yeroo dhiyootti ramaddii barattootaa kan gaggeessu ta’uu hubachuun, ragaalee armaan gadiin akka iyyatan gaafateera. Humna simannaa yunvarsiitiwwanii, qabxii giddugaleessaa barattootaafi kanneen biroo yaada keessa galchuun filannoo unvarsiitiwwanii hanga Bitootessa 19 bara 2014tti  karaa http://Portal.neaea.gov.et seenuun akka sirreessan. Ramaddii booda komiifi gaaffiin keessummeessu kamuu kan hinjiraanne ta’uu ministeerichi beeksiseera.  t.me/oromia